Zooniin dinagdee addaa Gadaa cehumsa industirii si’achiisuun dinagdee Itiyoophiyaa sadarkaa olaanaatti kan ceesisu ta’uun ibsame

Zooniin dinagdee addaa Gadaa cehumsa industirii si’achiisuun fi invastimantii hawachuun dinagdee Itiyoophiyaa sadarkaa olaanaatti akka ceesisu daarektarri olaanaa zoonii dinagdee addaa Gadaa ibsan.

Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad zoonii dinagdee addaa Gadaa magaalaawwan Adaamaa fi Mojoo jidduutti lafa heektaara kuma 24 irratti argamu Caamsaa 2/2016 jalqabsiisuunsanii niyaadatama.

Kanatti aanuun ittaanaan komishinarii komishinii invastimantii Itiyoophiyaa doktar Zallaqaa Tamasgeenii fi daarektarri olaanaa zoonii dinagdee addaa Gadaa waliigaltee misoomsuu waliigalaniiru.

Daarektarri olaanaa zoonii dinagdee addaa Gadaa obbo Mootummaa Tamasgeen wayita kana kaayoon zooniin dinagdee addaa Gadaa itti hundeeffame Itiyoophiyaan dinagdee cimaa akka ijaartu dandeessisuufi jedhan.

Haala Kanaan Zooniin dinagdee addaa Gadaacehumsa industirii si’achiisuun Itiyoophiyaan daldala idil addunyaa n walitti hidhamiinsa cimaa akka qabaattu kan taasisu ta’uu ibsaniiru.

Dargaggootaaf carraa hojii uumuuf gumaacha olaanaa akka qabaatu ibsaniiru.

Akkasumas Itiyoophiyaa jiddugaleessa dinagdee Afriikaa taasisuuf kan hundaa’edha jedhan.

Ittaanaan komishinaraa komishinii invastimantii Itiyoophiyaa doktar Zallaqaa Tamasgeen akka jedhanitti, komishinichi filmaatota Invastimantii Itiyoophiyaa keessa jiran beeksisuun hojiin bal’aan hojjetamaa jira.

Keessumaa Invastimantii kallaattii alaa hawachuun pirojektoota addaddaa hojiitti galchaa jira jedhan.

Dureeyyiin paarkiiwwan industirii keessatti dameelee addaddaatiin oomishatti akka galan hojmaata addaddaa diriirsuun dinagdee biyyattii sadarkaa olaanaatti ceesisuuf xiyyeeffannoon kennamuu eeraniiru.

Zooniin dinagdee addaa kun doolaara miiliyoona 120’n ijaaramaa kan jiru yoo ta’u, paarkonni loojistiksii, jiddugaleessonni qaxanaa daldala bilisaa, paarkii industirii, jiddugaleessi daldala bahii fi galii, ijaarsi daandii Riil isteetii, dhiheessiin anniisaa fi sosochiiwwan dinagdee gurguddoo kan ofkeessaa qabu ta’uun ibsameera.

Source: ENA

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *