Waltajjiin Walbaruu Daldalaa Fi Invastimantii Itiyoo – Chaayinaa Gaggeeffamaa Jira

 Waltajjiin Walbaruu Daldalaa fi Invastimantii Itiyoo – Chaayinaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Ministir Deetaan Ministeera Indaastirii Hasan Mahaammad, Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Samariitaa Sawaasaw, hoggantoonni Mana Maree Daldalaa magaalaa Finfinnee fi Jilli Mana Maree Daldalaa Chaayinaa waltajjicharratti argamaniiru.

Itiyoophiyaa fi Chaayinaan hariiroo Daldalaa fi Invastimantii bara dheeraa qabaachuu Obbo Hasan eeraniiru.

Biyyoonni lamaan damee Paarkii Indaastirii, Qonna, misooma Teeknooloojii fi dameewwan biroon waloon hojjechuun bu’aa qabeessa ta’aa jiraachuu dubbataniiru.

Chaayinaan hariiroo fi tumsa misoomaa Itiyoophiyaa waliin qabdu caalmaatti cimsitee kan itti fuftu ta’uu bakka Bu’aan jila Chaayinaa fi Barreessaa Itti aanaan ‘CPC’ Liiyuu Waay eeruu TOI gabaaseera.

Maddi: FBC

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *