Kubbaniyyaan Kooriyaa Rippabilik Woonkisoo jedhamu warshaa qorichaa Itoophiyaatti dhaabuu akka barbaadu beeksise.

Kubbaaniyyaan biyya Kooriyaa Rippabilik kan qoricha oomishu Woonkisoon Itoophiyaatti warshaa qorichaa dhaabuun qaqqabamummaa gabaa Afrikaatti qabu dabuu akka barbaadu beeksise.

Kooriyaa Rippabilikitti ambaasaaddara Itoophiyaa kan ta’an Dasee Daalkee hogganaa kubbaaniyichaa Juunig Chee’ool Lii waliin mari’ataniiru.

Ambaasaaddar Dasee Daalkee Itoophiyaan invastimantii alaa kallattin galu jajjabeesuuf fooyya’insa dinagdee gooroo taasisuu fi kun immoo bakka gahumsa invastimantii mijata ishee taasisaa jira jedhaniiru.

Bakka bu’oonni dhaabbatichaas Itoophiyaa dhaquun daawwannaa hojii invastimantii duraa akka taasisan affeeraniiru.

Hogganaan kubbaaniyyaa Woonkisoo Jiinig Chee’ool Lii gama isaan dhaabbannii isaanii Kooriyaa keessaatti kuusaawwaan gurgurtaa qorichaa kuma 5 ol qabaachuu ibsaniiru.

Gara fuula duraattis Itoophiyaatti warshaa qoricha oomishu dhaabuun gabaa Afrikaa keessatti hirmaanna qaban bal’isuuf fedhii akka qaban himuu isaanii odeeffannoo Imbaasii Itoophiyaa See’uulitti argamurra argame ni mul’isa.

Maddi: ENA

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *