Konfiraansii fi Agarsiisni Buna Mi’aa Afrikaa Addis Ababaatti gaggeeffamuuf jira.

Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itiyoophiyaa Yaa’ii fi Agarsiisni Dhaabbata Buna Mi’aa Afriikaa fi Dhaabbata Buna Gidduu Afriikaa 20ffaa Addis Ababaatti akka gaggeeffamu beeksise.

Qondaalli kun ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, konfiraansiin baatii Amajji keessa gaggeeffamu kun buna Itiyoophiyaa Afrikaa fi gabaa addunyaa irratti beeksisuuf carraa kan uumu ta’uu ibsaniiru.

Ogeeyyiin idil-addunyaa fi naannoo damee kanaa gara 2,000 ta’an foddaa tokko jalatti walitti qabamanii mata duree konfiraansichaa irratti mari’achuuf karoorfameera.

Walgahii Buna Mi’aa Afrikaa fi Dhaabbata Buna Afrikaa Gidduu “IACO” Amajji 28, 2016 irraa eegalee. Guyyoota afur walitti aansuun kan gaggeeffamu yoo ta’u, torbee bunaa Afrikaa jalqabaa sa’aatii walfakkaatutti kan gaggeeffamu ta’a.

Maddi: FBC

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *