Invastaroota Noorweey akkamitti Ityoophiyaa keessatti invast gochuu akka danda’an irratti mariin gaggeeffameera.

Komishinarri Komishinii Invastimantii Laliisee Namii Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Noorweey Istiyaan Kiristensen waliin marii taasisaniiru.

Marii isaanii keessatti invastaroota Noorweey carraa fi filannoowwan invastimantii Itoophiyaa gadi fageenyaan qorachuun akka danda’amu gorsaniiru.

Kana malees, invastaroonni dameewwan invastimantii Itiyoophiyaa keessatti hirmaachuu akka danda’aniif dhimmoota waliin hojjechuuf isaan dandeessisan irratti mari’achuu isaanii odeeffannoon komishinichaa ni mul’isa.

Invastaroota damee invastimantii Ityoophiyaa irratti bobba’an waliin deeggarsa fi hordoffiin akka danda’amu mariin akka gaggeeffamus yaadni dhiyaateera.

Maddi: Komishinii Invastimantii Itoophiyaa

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *