Duula farra malaammaltummaa irratti namoota himataman 640 akka gahe beeksifameera.

Akka yaada Koree Farra Malaammaltummaa Biyyaalessaa Mootummaa Federaalaan baatii Adoolessaa keessa hundeeffameen; Lakkoofsi namoota malaammaltummaadhaan himataman 640 akka gahe beeksifameera. Koreen farra malaammaltummaa biyyoolessaa lafa kaaree meetira kuma 226 ta’u qorachaa akka jiru beeksiseera.

Kana kan beeksisan miseensonni koree qindoomina farra malaammaltummaa mootummaa federaalaa, naannoo fi magaalaan hundeeffame har’a Kamisa Guraandhala 30; 2015 waltajjii gamaaggamaa Hoteela Skylight irratti. Waltajjicharratti Daarektarri Olaanaa Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa fi Dura Taa’aan Koree Qindeessaa Obbo Tamasgeen Xiruneh haasawa taasisaniiru. Koreen farra malaammaltummaa biyyaalessaa yaadota 759 dhiyaatan keessaa 175 irratti qorannoo eegaluu ibseera.

Obbo Tamasgeen akka beeksisetti galmee 81 qorannoo hordofee baname keessatti himatamtootaa 640 gahuu isaa beeksiseera. Akka yaada dhiyaateetti “qabeenyi ummataa fi mootummaa” birrii biiliyoona 2.2 malaammaltummaan akka miidhame beekamaa ture. Kana irratti argamuun koreewwan farra malaammaltummaa naannolee yeroo dabalamu miidhaan irra gahu dabaluu akka danda’us hubachiisaniiru.
Muummeen ministiraa Dooktar Abiy Ahimad malaammaltummaan ”nageenya biyyaatiif balaa” ta’uu labsuun gara ji’a sadii dura koree farra malaammaltummaa biyyoolessaa miseensota torba qabu hundeessan. Koreen Ministira Muummeetiin hoogganamu kun “duula mootummaan malaammaltummaa irratti baasu qindeessuun” “qophattoota” malaammaltummaa adda baasuun seeratti dhiyeessuuf itti gaafatamummaa qaba. Hundeeffama koreen kun hordofuun; Mootummoonni naannolee fi bulchiinsi magaalotaas koreewwan bifa walfakkaataa qaban hundeessuun beeksisaniiru.

(Ethiopia Insider)

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *