Dhaabbileen Kooriyaa Kibbaa Itiyoophiyaa keessatti invastimantii akka godhan waamichi dhiyaateera.

Kooriyaa Kibbaatti ambaasaaddarri Ityoophiyaa Dasee Daalkee, Fooramii Tumsa Daldalaa fi Indaastirii Kooriyaa fi Afrikaa 2ffaa si’ool keessatti gaggeeffame irratti hirmaataniiru.

Ambaasaaddar Daseen haala diinagdee yeroo ammaa Itiyoophiyaa, naannoowwan xiyyeeffannoo invastimantii alaa fi dameewwan walta’iinsa Ityoophiyaa fi Kooriyaa irratti ibsa kennaniiru.

Ityoophiyaatti haalli invastimantii mijataa ta’e akka jiru eeraniiru. Dhaabbileen Kooriyaa Kibbaa kana fayyadamuu qabu jedhan.

Ityoophiyaa fi Rippabilikni Kooriyaa tumsa daldalaa, invastimantii, saayinsii fi teeknooloojii akkasumas faayinaansii fi teeknooloojii irratti qaban cimsuu akka qaban cimsanii dubbataniiru.


Dhaabbileen biyyattii carraa invastimantii Itoophiyaa keessatti akka hirmaatan affeeramuu isaaniis odeeffannoon Ministeera Dhimma Alaa ni mul’isa.

Itti aanaan Ministira Daldalaa Kooriyaa Kibbaa Biyungi Naay Yaang akka jedhanitti, Afrikaan humna hojjettoota dargaggootaa bal’aa fi qabeenya hin fayyadamne waan qabduuf dandeettii dinagdee guddaa qabdi.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *