Chaayinaan biyya jalqabaa paatentii biyya keessaa miiliyoona 4 ol qabdu taateetti.

Dhuma bara 2023tti Chaayinaan biyya jalqabaa paatentii biyya keessaa miiliyoona 4 ol qabdu ta’uun himameera.

Bulchiinsi Qabeenya Kalaqa Sammuu Biyyaalessaa biyyattii waggaa waggaadhaan dhibbantaa 22.4 guddachuusaa beeksise.

Itti aanaan itti gaafatamaa bulchiinsa kanaa Hu Wenhui galmeen paatentii gatii olaanaa qabu waliigalaa keessaa dhibbeentaa 40 ol akka ta’e akeekaniiru.

Kunis Chaayinaan paatentii sirrii akka qabduu fi kalaqa addunyaa keessatti gumaacha itti fufiinsa qabu akka goote agarsiisa jedhan.

Dhaabbileen teeknooloojii olaanaa biyyoolessaa, dhaabbileen teeknooloojii xixiqqaa fi giddu galeessaa paatentii miiliyoona 2.13 kan gaafatan yoo ta’u, kunis waggaatti %24.2 dabaleera. CGTN akka gabaasetti, guddinni mirga paatentii ofiin kalaqaan misooma qulqullina olaanaa qabu akka guddatu taasiseera.

Kana malees, dhuma bara 2023tti Chaayinaa keessatti lakkoofsi paatentii seera qabeessa ta’e waliigalaa miiliyoona 4.99 ol yoo ta’u, lakkoofsi mallattoo daldalaa seera qabeessa biyyattii keessatti miiliyoona 46.15 akka ga’e ibsaniiru.

Maddi: FBC

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *