Bulchiinsi Daandiiwwan Ityoophiyaa marii hojii ji’oota jahan darbanii fi hojii itti fufiinsa qabu irratti xiyyeeffate gaggeesse.

Marii kana keessatti raawwii dhimmoota dhaabbilee fi tarsiimoo, hojiiwwan idilee, raawwii dhimmoota kallattii hedduu qabaniifi rakkoowwan hojii ji’oota jahaa keessatti mudatan dhiyaataniiru.

Mariin kun bakka Daayreektarri Olaanaa Manaajimantii Dhiira Ityoophiyaa Injinar Mohaammad Abudurrahmaan fi Itti aanaan Daayirektaroota Waliigalaa, Daarektaroonni fi Hoggantoonni garee argamanitti gaggeeffameera.
Bara baajataa kana keessatti manneen hojii bulchiinsa piroojektii ijaarsaa 27 keessaa manneen hojii 25 bara baajataa kana keessatti ummata walitti dhiyeenyaan tajaajiluu fi pirojektoota ijaarsa daandii to’achuuf humna isaanii guutuun hojjechuu eegalaniiru.

Ji’oota jahan darbanitti pirojektoonni daandii 14 bitataniiru. Kanumaan walqabatee bittaa supparvishinii (gorsaa) ijaarsaa 19 raawwatameera.
Bara baajataa kana ji’oota jahan darbanitti daandiin asfaaltii kiiloo meetira 397 hojjetameera.
Kana malees suphaa idilee, yeroo yeroon fi ulfaataa ta’e waliigala km 5,123 kan uwwisu ta’a. Suphaan daandii haa ta’u.
Bara baajataa kana ji’oota 6 keessatti hojiiwwan hojjetaman Birri biiliyoona 26.27 baasii ta’eera.

Lolli ji’oota jahan darbaniif kutaa kaabaa biyya keenyaa keessatti geggeeffamaa ture, hanqinni dandeettii fi meeshaalee ijaarsaa fi hanqinni maallaqa biyya alaa pirojektoota ijaarsaa gidduu seenuun akka ta’e gabaasni kun ni mul’isa.

Kana malees, rakkoolee raawwii daangaa waliin walqabatan ijaarsi daandii hedduu akka addaan citu taasisuu isaa waltajjicharratti ibsameera.

Rakkoo kana furuuf qooda fudhattoonni hundi waliin hojjechuu akka qaban cimsee ibsameera.
Marii kana keessatti qaawwa ji’oota jahan darban keessatti mul’ate sirreessuudhaan ji’oota jaha keessatti hojiiwwan hedduun akka hojjetaman ibsameera.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *