Dhaabbileen Hindii damee anniisaa haaromfamuu Ityoophiyaa hin fayyadamne akka qoratan jajjabeeffamaniiru.
Imbaasiin Ityoophiyaa Niiw Deelii jiru dhaabbileen Hindii dandeettii invastimantii damee anniisaa haaromfamuu Ityoophiyaa irratti akka qoratan jajjabeesse. Kunis marii Hinditti Ambaasaaddara Ityoophiyaa Obbo Dammaqe Axinaafuu fi Dura taa’aa fi Daarektarri Olaanaa Koorporeeshinii anniisaa soolaarii Hindii Obbo R. P. Guptaa gidduutti taasifamaa tureen kan dubbatamedha.Marii isaanii keessatti gama lachuu filannoowwan invastimantii Itiyoophiyaa irratti xiyyeeffannoo addaa kennuun …