Nexara

Baatiwwan Arfan darban Daldalaa Alaaraa galiin Doolaarri biiliyoonni 2 ol argamuu ibsame

Baatiwwan Arfan darban Daldalaa Alaaraa galiin Doolaarri biiliyoonni 2 ol argamuu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa naannawaa beeksiise. Baatiwwan Arfan darban oomishaalee garaagaraa Toonii kuma 400 fi kuma 9 ol alatti erguun Galii Doolaara biiliyoona 1 fi Kuma 500 fi kuma 18 argachuuf Karoorfamee Oomisha Toonii kuma 400 fi kuma 79 ol gabaa alaaf dhiyeessuun …

Baatiwwan Arfan darban Daldalaa Alaaraa galiin Doolaarri biiliyoonni 2 ol argamuu ibsame Read More »

Kubbaniyyaan Kooriyaa Rippabilik Woonkisoo jedhamu warshaa qorichaa Itoophiyaatti dhaabuu akka barbaadu beeksise.

Kubbaaniyyaan biyya Kooriyaa Rippabilik kan qoricha oomishu Woonkisoon Itoophiyaatti warshaa qorichaa dhaabuun qaqqabamummaa gabaa Afrikaatti qabu dabuu akka barbaadu beeksise. Kooriyaa Rippabilikitti ambaasaaddara Itoophiyaa kan ta’an Dasee Daalkee hogganaa kubbaaniyichaa Juunig Chee’ool Lii waliin mari’ataniiru. Ambaasaaddar Dasee Daalkee Itoophiyaan invastimantii alaa kallattin galu jajjabeesuuf fooyya’insa dinagdee gooroo taasisuu fi kun immoo bakka gahumsa invastimantii mijata …

Kubbaniyyaan Kooriyaa Rippabilik Woonkisoo jedhamu warshaa qorichaa Itoophiyaatti dhaabuu akka barbaadu beeksise. Read More »

Baatii Fulbaanaa gatiin gurgutaa Qinxaaboo boba’aa haaluma baatii Hagayyaan itti fufa jedhame

Baatii Fulbaanaa keessa gatiin gurgutaa Qinxaaboo boba’aa haaluma baatii Hagayyaan kan itti fufu ta’uu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksise. Haaluma Baatii Hagayyaa keessa gurguramaa tureen kan itti fufu ta’uu Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasahuun Goofeen himaniiru. Dooktar Kaasahuun, Buufataaleen Boba’aa hundi daballii gatii tokko malee fayyadamtoota akka keessummeessan yaadachiisaniiru. …

Baatii Fulbaanaa gatiin gurgutaa Qinxaaboo boba’aa haaluma baatii Hagayyaan itti fufa jedhame Read More »

Warshaan Konkolaataa Bishooftuu Konkolaata Moodela “N7 Pickup” gabaaf dhiyeessuufi

Garee Itiyoo-Injiinariingiitti Warshaan Oomisha Konkolaataa Bishooftuu konkolaatota Moodela “N7 Pickup” gabaaf dhiyeessuuf ta’uu beeksise. Indaastirichi, bara baajataa kanatti konkolaattota Moodela “N7 Pickup” 250 oomishuuf karoorfatee hojjechaa jiraachuu eereera. Karoora kana keessaa marsaa jalqabaan konkolaattota moodelichaa 37 kurfeessuun maamiltootaaf dhiyeessuuf qophii xumuruu ibsuu ragaan Garicharraa argame ni mul’isa. Madii: FBC

Waltajjiin Walbaruu Daldalaa Fi Invastimantii Itiyoo – Chaayinaa Gaggeeffamaa Jira

 Waltajjiin Walbaruu Daldalaa fi Invastimantii Itiyoo – Chaayinaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira. Ministir Deetaan Ministeera Indaastirii Hasan Mahaammad, Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Samariitaa Sawaasaw, hoggantoonni Mana Maree Daldalaa magaalaa Finfinnee fi Jilli Mana Maree Daldalaa Chaayinaa waltajjicharratti argamaniiru. Itiyoophiyaa fi Chaayinaan hariiroo Daldalaa fi Invastimantii bara dheeraa qabaachuu Obbo Hasan eeraniiru. Biyyoonni lamaan damee Paarkii Indaastirii, …

Waltajjiin Walbaruu Daldalaa Fi Invastimantii Itiyoo – Chaayinaa Gaggeeffamaa Jira Read More »

Zooniin dinagdee addaa Gadaa cehumsa industirii si’achiisuun dinagdee Itiyoophiyaa sadarkaa olaanaatti kan ceesisu ta’uun ibsame

Zooniin dinagdee addaa Gadaa cehumsa industirii si’achiisuun fi invastimantii hawachuun dinagdee Itiyoophiyaa sadarkaa olaanaatti akka ceesisu daarektarri olaanaa zoonii dinagdee addaa Gadaa ibsan. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad zoonii dinagdee addaa Gadaa magaalaawwan Adaamaa fi Mojoo jidduutti lafa heektaara kuma 24 irratti argamu Caamsaa 2/2016 jalqabsiisuunsanii niyaadatama. Kanatti aanuun ittaanaan komishinarii komishinii invastimantii Itiyoophiyaa doktar …

Zooniin dinagdee addaa Gadaa cehumsa industirii si’achiisuun dinagdee Itiyoophiyaa sadarkaa olaanaatti kan ceesisu ta’uun ibsame Read More »

Hamma Buna Gabaa Alaaf Ergamuu Guddisuuf Hojjetamaa Jira Jedhame

Hamma Buna Gabaa Alaaf ergamuu guddisuuf hojiin gabaa Alaa babal’isuu hojjetamaa jiraachuu Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayii beeksiise. Biyyoota Giddu Galaa fi Baha Fagootti gabaa Bunaa haaraa uumuun hojjetamaa jiraachuu Itti Aanaan Daayrektara Olaanaa Abbaa Taayitichaa Shafii Umar dubbataniiru. Kanaanis bu’aa jajjabeessan argamuu himaniiru. Muddama Galaanaa Diimarratti muudateen hanqina Konteenaraa fi Dhiibbaa uumame dandamachuun danda’amuu …

Hamma Buna Gabaa Alaaf Ergamuu Guddisuuf Hojjetamaa Jira Jedhame Read More »

Bidiruun “Xaanaa Nesh” Buufata Doonii Jibuutii Qaqqabd

Dhaabbata Geejjiba Galaanaa fi Loojistiksii Itiyoophiyaan tajaajilaa geejjibaa bishaanirraa biyyaa keessaaf Bidiruuwwan bitaman lama Buufata Doonii Jibuutii qaqqabuun ibsame. Bidiruun geejjibaa deddeebisa ummataaf tajaajiluu fi “Xaanaa Nesh” jedhamtu har’a buufaticha qaqqabuun ibsameera. Bidiruun kunis meetira 38 kan dheerattu yoo ta’u, yeroo tokkotti namoota 188 qabachuu kan dandeessu ta’uu ragaan Dhaabbata Geejjiba Galaanaa fi Loojistiksiirraa argame …

Bidiruun “Xaanaa Nesh” Buufata Doonii Jibuutii Qaqqabd Read More »

Tajaajilli Kaffaltii Boba’aa Baankota Hundatti Eegaluufi

Baankota muraasa qofatti raawwatamaa kan ture tajaajilli kaffaltii Boba’aa yeroo itti aanu baankota hundatti eegaluuf ta’uu Abbaan Taayitaa Boba’aa fi Inarjii beeksise. Komii tajaajilamtootaa fi baankileen biroo kaasaa turan furuuf tajaajilicha babal’isuun barbaachisaa ta’uu Abbaan taayitichaa himeera. Filannoowwan kaffaltii kana dura Baankii Daldala Itiyoophiyaa, Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa fi Teelee Birriin qofa raawwatamaa ture Baankilee …

Tajaajilli Kaffaltii Boba’aa Baankota Hundatti Eegaluufi Read More »